Sirra Fagaadhe

Yaada kan ke malee
Hin qabu kan biraa
An sierra fagaadhe
Biyya orman jira
~
Kan darbee yadaadhen
Busa imimaani
Samii gubba laleen
Kadhaadha Rabbinii
~
Adda nu baasinii
Nuuf kenitii nagaa
imimaan koo qorsii
Gammachisi onne
~
Ati na jallata
Akka lubbu keeti
Anis sin amanaa
Atisoo kan kooti