DEEBIN_KEE_CALLISA

DEEBIN_KEE_CALLISA

DEEBIN_KEE_CALLISA

Useetin si yaada
Hanga ilaa bariisaa
Yoon sitti waywaadhes
Deebin kee callisa

Wal dagachuu keenyaf
Suuta laannaa deebii
Arra roobat roobee
Guntutaan na reebi

Addeenya fuula kee
Kan fakkeenya biiftuu
Anuu sirraa cituuf
Lubbuun too nan dhiiftu
Maal fuurmaanni kootuu
Si eegus naan dhuftu

Osuman si eeguun 
Kophaa koo coollagee
Ilillii siif tehee 
Baala baasee goge 

Dhoksiitii na yaami
Gaf jirtu kophaa kee
Si keeysan jiraadha
Dhuunfadhe mooraa kee

Barbaadee si dhabnaan
Na miidhe kee gochi
Beela ija teetitiif
Kunoo too iji ni boochi