Ijji koo nan hayyamtu

Ijji koo nan hayyamtu

Ijji koo nan hayyamtu

Ijji koo nan hayyamtu
Tan biraa ilaaluu
Onneen koos na didde
Tan biraa madaaluu
  ~~~
Sibiraan darbeetis
Hin yaadu tan biraa
Kophaa koo jiraachaas
Sumaanin bohaaraa
~
Meeqa na garsiisus
Hunda hamaaf gaarii
Tiradhee nan dhufaa
Yoonin tures tarii
  ~~~~
Haala keessa keetii
Tan beeku fagoorraa
Atinaaf ani siif
Kan turru lafarraa