QUBEELAA QUBA NYAATE 4ffaa
TUMSIIF QEEQI KEESSAN LAFEE DUGUGGURUU KEENYAATI. Yaada keessan inbox dhaan nuuf eeraa .....
♥️♦️♠️♣️♥️♦️♣️♪♥️♦️♣️♥️♥️
_
DUBBISA GAARII....
↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓↓
Boonaa : Narraa fagaattee jiraattus halaala Abjuu keessan suurakee ilaala..... jedheeni
akka sa'a boqonnaatti wal argan wal
bellamanii bilbila cufatani .
*
Lafti bariyuuf jedha. Dukkanniif iftis
wal'ansoo wal qabaa jiru. Sagalee
simbirroota haalaan qindaa'e, diidaa
dhagahama.
Siifaniin bakka ciistu ol kaatee sa'atii
harkasheerraa jiru gaafa ilaaltu 12:45 ta'eera. Ariitii xiyyaara Boyeing fayyadamtee ciree hojjettee, maatiishee duukaa soorattee,
gara Mana Barumsaatti qajeelte. Yeroo isheen daree seentu Eebbaan taa'ee ishee ilaala.
Eebbaan akkuma siifan kutaa 12
barata. Daree tokko baratu waan ta'eef yeroo hunda dhoksee ilaala. Gaafa isheen Barcumarra teessu, Eebbaan yaadaan eela'ee ofumaan akkas jedha" maal osoon barcumicha ta'e, dhuftee narra teessee ?
Maal osoon boorsaashee ta'ee, itti hirkadhee deemee ? Uff burtukaanii kana, osoo kankoo goote maal ta'a ya waaq? Silaati animmoo ijuma keessan ilaala oolaa......" Jedha.
Eebbaan ijasaa Siifan irratti hir'aanfateera.
Nyaarri isaas yeroof boqonnaa fudhatte fakkaata. Barataa Eebbaan duukaa taa'aa jiru harkasaa fuula Eebbaa dura gaafa dabarsu
Eebbaan na'e bitaaf mirgasaa ilaale. Kana gidduutti Barsiisaan Fiiziksii jechuunis B/sa Abdiin daree galeera. Hojimanees ilaalaa
jira. Barattootni walakkaan hojjetaniiru. Walakkaan ammoo hin hojjenne, isaan keessaa tokko siifanidha. Siifaniin Erga
Boonaan bilbileefiiti yaadaan Boonaa bira bulte. B/sa Abdiin dabtara siifanii garagalchanii ilaalan;
B/sa Abdii : Siifanii Maaliif Hojii manaa hinhojjenne
Siifan : Dhiifama B/sa. Nan dagadhe. Boor hojjedheen dhufa.
B/sa Abdii : guyyaan boorii guyyuma booriiti. Eenyuun tuffii keeti? Ana tuffachuu keeti jedheen. Achumaan aarii keessoo isaa dhoose. 'Go out' jechuun Ingiliffa cabaa tokkko itti dubbate.
Siifanis gad baate. Wayiitichis wayiitii jalqabaa waan ta'eef barattootni muraasni reefuu mooraa mana Barumsaatti ol galu.
Isa Siifaniin ala teessu barattootni akkas ittiin jedhaa bira taru" Bareeddittiin har'ammoo diida teessi. Lookoo intala Oromoo qalbii nu hattee jirta. Qalbii nuuf deebisi " ittiin jedhu. Barattootni kaan
ammoo nyaara ijasaanii sochoosaa "Hi! Qal'oo Mudhii soonsaa, Qofa taateeho "jedhuun.
B/sa Abdii Barsiisee gad bahe. Barattoonnis ol galan. Siifan teellatti hambisee ......
Itti fufa......
#share osoo hin godhiin bira dabarran seenaan si gaafata
Channel keenya join godhaa
Ittin bohaaraa irraa baradhaa!
Itti fufa....
#share osoo hin godhiin bira dabarran seenaan si gaafata
Channel keenya join godhaa
Ittin bohaaraa irraa baradhaa!
