Nan Ganin

Nan_Ganin
Yeroon si yaadadhu
Bishaantu nahudhaa
Kanbiraan jaalatin
Anumaa sifudha
Hiraata hin nyaatin
Anaa sinyaachisaa
Abbaan ke hamaan san
Suma maaf rakkisa
Jalaa badii koott
Hin dhagahinii isa
Kan shira nutti yaadu
Hundi maal abbaa sa
Simbo ko bareedduu
Yaa sanyii bilisaa
Jaalalli kee hamaan
Garaan nama yaasaa
Haakima yoon dhaqu
Naan jedhe doktorri?
Jaalalle ke waliin
Galgala booharii!
Ati maaf siin galle?
Wanti garaa kootii
Birrii hin barbaadin
Anuu birrii keetii
Fadhii kee hundaahu
Siifan guuta anuu
Hadaraa Nan ganin
Anilleen Sin ganuu