Seenaa As Dhihoo

Seenaa As Dhihoo


Seenaa As Dhihoo

 

Suura mootittii Oromoo kan yeroo Biriitish Maqdalaatti duula geggeessite bara 1867-68 kaafame. Mootittii Oromoom fi ilma ishii.

Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaaf Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.

Akka seenaan dubbatutti, walmorkiin karaa nagaa fi waraanaa ummata Oromoo fi sabootaa ollaa kan akka Amaaraa, Sidaamaa fi Sumaalee wajjin ture siyaasa hawaasa Oromoorratti dhiibbaa fide. Goddansi Oromoonni akka Yajuu gara kaabatti godhan, fi keessumattuu Oromoon Arsii gara lafa saba Sumaalee fi Sidaamaatti godhan baballiinsa Amaarri gara kibbaatti godhe wajjin wal fakkaata, fi siyaasa sanyii Itoophiyaa kan harraa kana boce. Akkasumas, baballinni guddaan Sumaalee lafa diriiraa Ogaadeniirraa gara dhihaatti gara laga Jubaatti godhame Oromoo wajjiniin walitti bu'iinsa fide. Iddoo tokko tokkotti, Oromoonii fi Sumaalen qabeenya uummamaa fi lafa gabbata irratti walitti bu'aa turan. Dabalataan, Oromoonni Bahaa, kan Islaamummaa fudhatanii turan, warra Sumaalee fi Affaar wajjin qaama Sulxaana Adaal kan Islaamaa hordofuu turan. Sulxaanni Adaal hooggana Imaam Ahimad Ibin Ibraahim Al-Gaazii jalatti Impaayera Abisiiniyaa kan Kiristaana ture qabachuuf duule ture.

Qorataan seenaa Riichaardi Paankirasti odoo humnoonni Yuurooppi hin dhufinii fi mootummaan Itoophiyaa hin hundaa'in dura, naannon amma Itoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa jedhamu kana:

Tuuta mootummootaa fi bulchiinsotaa qabata, tokkoon tokkoonsaanii ofumasaaanii kan socho'an turan, garummoo warra kaani dhiibbessaa fi warra kaanin dhiibbeffamaa turan. Bulchaan tokko bulchaa biyya biraa of eeggannoodhan ilaala garummoo yeroo baayyee kennaa fi dhaamsaa garii wal jijjiiru, tarii yoo wal waraanaa jiraatan malee. Sanyiin warra mootii karaa fuudhaa walitti hidhuun baramaadha, garuu yeroo baayyee daangaa amantii hin cabsuu. Karaa biraa, daldalli, garaagarummaa amantii ilaalcha keessa kan galche miti, karaan daldalaa mootummoota amantii aadaa, kiristaana, fi Islaama hordofan walitti hidha. Hawaasni fi sabni afaan mataasaa dubbatu baayyinaan warra kaanirraa adda ta'eetu jiraata, garuu aadaa walirraa dhaalun ni jira. Kunis qarqara Galaana Diimaa fi Gaarren Itoophiyaa keessatti qofa odoo hin taane, gara kibbaa daangaa Sumaalee fi Oromoo dabalata; achittis kara-deemtonni dhuma jaarraa 19ffaa keessa garas deeman hawaasa daldalu kan afaan baayyee dubbatu arganiiru.

Wagga kurnan jalqabaa jaarraa 19ffaa keessaa, mootummaan Oromoo sadi'i Inaariyaa, Gommaa fi Gumaan cimanii dhufan. Naannoon kun walumatti lafa-Oromoo jedhamee yoo beekkamu lafa walakeessaa fi kibba Itoophiyaa qabata, kunis yeroo amma lafa sabni Oromoo hin taane irra jiraatu of keessatti qabata. Gumaachi Oromoo Itoophiyaa hundeessuu keessatti yoo ilaallame, Goobana Daaccii waraana geggeessudhaan mootummoota bilisummaan jiraachaa turan Itoophiyaa jalatti galcheera. Goobanaan Minilik jala galuudhan mootummoota Oromoo baayyee cabsee Itoophiyaa jalatti galche. Sababa kanaafis Oromoonnii Goobanaa akka gantuutti ilaalu. Itoophiyaan har'aa odoo hin hundaa'in dura daldallii naannoo, karaa dheeraa fi daangaa qaxxaamuru Itoophiyaa har'aa, Eertiraa fi kutaan Somaaliyaa walitti hidhee ture. Karaan daldalaa kun Boongaa, Jimma, Saqqaa, Asandaaboo, Goojjam, Bageemidir, Maramma, Misuwwaa, Sooddo, Shawaa, Harar, Zaayilaa fi Baarbaraa walitti qabsiisa ture.

Bara 1973tti, Oromoon Itoophiyaa keessatti hacuuccamuunsaanii waan daangaa dhabeef ABO hundeessan; ABOnis naannoo Oromiyaa keessatti ummata sochoosuu jalqabe. Baruma kana Itoophiyaa keessa beela hamaa kan ummataa nuusa miliyoonatii ol ta'u fixetu dhufe; kanarrattis mootummaan Hayila Sillaasee tarkanfii fudhatee gargaarsi akka rabsamu eeyyamuufillee yeroo dheeraa itti fudhate. Namoonni beelan dhuman baayyensaanii Oromootaa fi Amaarotaa Walloo, Affaarii fi Tigroota turan.