Mee mala naaf himaa

Mee mala naaf himaa

=====================
Mee mala naaf himaa 
Waaniin godhuun dhabee 
As oofee achi oofee 
Olqabee gad-qabee 
Halkan yaadaan buulaa 
Hirriibaas niin dhabee 
Guyyaas nagaa hin qabuu 
Natti taate dhibee 
Dhiiroo maaliin tahe? 
Jaalalaa na qabee? 
================= 
Dachiitu naan maraa 
Yoon lafaa ol-ka’ee 
Imimmaaniin buusaa 
Yoon maqaa kee dha’ee 
Halkan meeqaatamiin 
Hirriibaan manaa ba’ee 
Nyaadhuus hin gabbadhuu 
Garaan wal na dha’ee 
Osumaan si yaaduu 
Tulluu meeqa qaari’ee 
Aduun meeqa dhiitee 
Halkan naaf bari’ee 
Ofiis numaan shakka 
Dhiiroo maaliin ta’ee 
Jaalaluma teeti moo 
Michiitu na dha’ee? 
====================