Kophummaa koo jibbee

Kophummaa koo jibbee

Kophummaa koo jibbee 

Kophummaa koo jibbee 
Osuman odeessu 
Wanta darbe yaadee
Garaa of bobeessuu
       ~~~
Jiruu koo keessatti 
Tasaa sii argaadhee
Furtuu jiruu kiyyaa 
Offin sii godhadhe
       ~~
Haalaafi Amalli kee
Hundurra na caalee
Gammachun argadha
Hoggaanin si laalee
        ~~
Dogoggora kiyyaaf
An dhiftee arraa 
Jiruu jaalalatti 
Maalif cufaatta karraa
     ~~~
Karaa bareedarra
An waalin turtee 
Na biraa hin deemii
Onnee tiyyaa murtee