Barbaacha keef jedheen
Barbaacha keef jedheen
Barbaacha keef jedheen
anoo manaa ba'e
Irriibni na didnaan
qalbiin na rarra'ee
~
Si argadhu malee
irriibni nan qabu
Si barbaadaa oolus
takkaa hin dadhabu
~
Sammuu keessa fiigdee
dhiiga na danfista
Boqochuun hin jiru
hunduu naaf qormaata
~
Koottu natti dafii
Isheen Onnee tiyyaa
Dadhabbii qaama koo
gaaffii sammuu kiyya boharsitu
Miraa share godhuu hin dagatinaa