Walaloo Jaalala
Takka yadee in bekuu
Jedhee akkas ta'aa
Bareram keessiikoo
Yeroo hunda na na'aa
Rakkini fageenyas
Wal jibinsa in ibsuu
Kan sif ta'uu demii
Garan kes ha cisuu
Garuu sitaan himaa
Dhoksaa kessa koti
Hiyomtes soromtes
Tates mucaa motii
Jalaalii jalalaam
Kan malaqi in binee
Yadaf oduun namas
Addan kan in hirree
Sin cabaa sin du'aan
Kun jalaala in ibsuu
Walin yoo jiratanis
In darbaa akka libsu
Kankolee ha hafuu
Innii siila ta'ee
Sin sodadhu jedhe
Sangan jabbi ha'ee
Garaa korra burqe
Mitii afan duwwaa
Akka isinif ta'uu
Isa dhugan hawaa
Koo keessi garan
Utu imiman lolasu
Jalalan sif qabus
Onne koo utu rasu
Kan darbee in dubadhu
Aniis nan callisaa
Jalalan sif qabuu
Ukamsen hambisa
Jedhetuu dubbatee
Innis harkaa qabee
Kan darbe yadattee
Laphenshes in cabee
Innis jilbenfatee
Fulaa duraa turee
Dubbatee yero fixu
Kessumasa furee
Tokkoo duwwa mitii
Jalaalii qixxedhaa
Wa'ifan barressee
Dubbiikos fixeraa!
