SITU MURE GARAA KANKEE ANIS MURE GARAA KANKOO!!

SITU MURE GARAA KANKEE ANIS MURE GARAA KANKOO!!

SITU MURE GARAA KANKEE ANIS MURE GARAA KANKOO!!

~
Dhidhiibbaankoo dakkuu baatee
Dirra zaagaan nayaalteettaa
Imimmaankoo lakkuu yaatee
Diida yaadaan fagaatteettaa
~
Jarjaramoo xiqqoo qoostaa ?
Soorseen gaaffii sigaafadhee
Batallammoo madoo gootaa ?
Onneen abdii ol-kaayyadhe
~
Sigaafadhus naannefadhee
Waadaa jabduu sharafteettaa
Sijaalladhus kaayyefadhee
Aasaa qamnuu dagatteetta
~
Sin jaalladha osoo jettuu
Narraa aariin dudda galtee
Sin abdadhaa osoo beektuu
Arra maaliif hunda gattee
~
Argaan dhufee addeessakee
Yooman beeke? kankee laphee
Garaa murtee adeemsakee
Tolan egee abjeeffadhee
~
Jecha dhibaan nafudhattee
Gola onneekoo banattee
Keessa jibbaan nadhungattee
Soba lapheekoo qabattee
~
Jechootakee tarree naqaa
Onnee gogaan nafilattee
Deemsotakee calee maqaa
Worqee sobaan nasimattee
~
Sirraa hafuu obsa dhabeen
Sijaalladhee ala fiigee
Miira kakuu qofa labeen
Siqaanfadhee mara dhiisee
~
Jaalallikee nadoodessee
Sitti dhoksee dubbadheeraa
Galgallikee nabooressee
Siichi boo'ee gubadheeraa
~
Jiruu cubbee siif jiraadhee
Ulaa banee dallaa loo'ee
Tiruu gubee siif tiradhee 
Hundaa gaabbee argaa boo'ee
~
Miixuun kankoo siif jooruudhaa
Maan-fudhanne dirqamakoo?
Hirqus anoo siif boo'uudhaa
Nan hubannee miidhamakoo
~
Balalchitee nadaawwaattee
Qorsa cabee dhukkubsanaan
Karkarsitee nawaaddeettee
Obse dhabee guggubannaan
~
Gaqqabdee nan gorsinee
Karaakee maaltu cufee?
Takkallee naan obsinee
Garaakee maaltu gubee?
~
Badii cubbuu anin beekuu
Eenyu abjuu sittodeesse ?
Abdii sichuu barin seequu
Beenu anuu sigaggeesse
~
 Situ cufe karaa kankee
 Anis cufe karaa kankoo!
 Situ mure garaa kankee
 Anis mure garaa kankoo!