MAALIF DHALATTEE??
MAALIF DHALATTEE??
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
★ Dhalli namaa kan gara biyya lafaa kana dhufeef rakkoo furuu fi addunyaa kana babbareechee tottolchuu fi qajeelchufidha. Addunyaan har'a akka kanatti bareeddee arginu kun ilmaan namaatiin tottoltee keessa jiraataa jirra.
Abbootiin amantaas dhalli namaa gara biyya lafaa kanatti kan dhufeef Waaqayyo isa waan mara uumee, namas uumeef galata dhiheessuu fi tajaajiluufi jedhu.
✪ Maarree atis kan as jirtuuf kaayyoo uumamteef beektee, fiixaan baasuu fi rakkoo namoota rakkisaa jiraniif furmaata taatee jiraachuuf! itti gaafatamummaa kee bahuufidha.
✪ Ati biyya lafaa kana irra hamma jiraattutti mataa kee qofaaf hin yaadda'in! Of qofaaf hin jiraatin! Namoota hundaaf gaarii yaadi!
✪ Namoota dadhaboo naannoo kee jiraataniif wantoota isaan dadhabaniif dadhabbii baasi!
✪ Wanta qabduun namoota harka qal’eeyyii ta'an bira dhaabadhuu gargaari!
✪ Gaafa ati gaarii namaaf yaadde Waaqnis gaarii siif yaada!
✪ Gaafa ati jireenya namoota rakkataniif yaaddu Waaqni jir
