LUBBU TIYYA

LUBBU TIYYA

LUBBU TIYYA

Ogummaa jalalaan 
madaa koo wala'aantee.
Eessanan ol jedha  
atoo na sakaaltee.
    ~~
Manan itti galu 
mukaan ijaaramee.
Hirribaaf gad ciiseen 
yaada keen qabamee.
      ~~~
Xiqqoo akkan rafeen 
abjuun dararamee.
Sagalee ol kaaseen 
Al tokko si waamee.
     ~~~
Police jaalalaan 
marfameen qabamee.
Waanan si jaaladheef 
hidhaatin galchamee.
      ~~~~
Hidhaa keessattillee 
waa'ee kee jeeqamee.
Doctorin na yaaluuf 
   natti jijjiramee.
Onnee koo kessatti 
si qofatu argamee.