Haadhakee Hagam Jaallatta Barreessi

Haadhakee Hagam Jaallatta Barreessi
===============
Duraan dursee siihaa ga'uu nagaan koo kan onnerra madde.
Harmee koo, jaalatamtu fi kabajamtu Akkam naa jirta? Anii mucaan kee nagaa siif qaba. Atii waan hundumaa kooti. Deesse koo, fayyaa keeti? Egaa haalli jireenyya sirra nafageesse jira. Deesse koo, fayyaa ta'uun kee anaaf jireenyya kooti. Ayyoo koo, atii gaddisa koo kan yeroo hundumaa anii itti boqadhuu dha. Harmee koo dhugaa sin jedhaa galata kee akkaatti ibsee fixu hin qabuu. Deesse koo osoo atii hin jirtuu ta'ee sila maalan ta'a ture laata? Rakkoo koo hundaaf atii furmaata kooti. Aayyo koo sila bineenssatu na nyaata ture.
Baradhees akka hiriyoota koo sadarka anii irra jiruu kanarra hin ga'uun ture. Yoona gola nama keessan hojjedha ture. Kana hundumaa kan na oolche ganama osoo hin jedhiin aduu saafa osoo hin jedhin ganna rooba osoo hin jedhiin yeroo hundumaa fiigdee nabarsiifachu keetii. Haadha koo, nabarsiiste kuno qixxe hiriyoota kootiin nageesseetta. Aayyo koo, gorsii kee sunii harra utubaa jireenyya kooti ta'ee na tajaajila jira.
Haadha koo maal jedheen himeen fixa? Egaa gochaan kee baayyee narra baayyata. Akka nama ta'uu nagoote.
Harmee koo, isa atii nyaachu dhiistee na nyaachistuu, isa uffachuu dhiiste daara na baastu, ana guddisuuf jette bonaa aduu keessa, ganna rooba keessa fiigdee akkan nama egeree gaari qabu ta'uufis yeroo hunda nagorsitee, hamaaf gaarii hundaa adda baastee natti himtee wa'ee koof boosse humna keef umrii kee, bifa kee isaa abaabo birra fakkaatu fixxe. Deesse koo maal godhuu gocha kee baase fixa laata?
Maaloo yaa rabbii gatii harmee koo baasu akka danda'uu na taasisii. Deesse koo waan tokko uuma kootif siif kadadhaa. Umrii irrattii umrii, ulfina irrattii ulfinaa, kabajaaf jaalala waaqni guddaa akka siif kennu lafa kanarra hamman jiruutti dhukkuba kee dhaba kee gadhaa kee hamtuun kee tokkolee nan dageesisiin, ijaa koonis rabbiin nan agarsiisin.
Deesse koo jabaadhu rabbii keesa kee qulqullumma kee ilaale sigargaara. Deesse koo, egaa maal jedhuu gatii kee baase fixuun danda'uu. Haali jireenya sirra na fageessera homaa mitii fayyaan haa jiraatu. Deesse koo, waliin jiraanna abdii jedhuun qaba. Hawwiin koos siwaliin jiraachu dha. Kafana qaama koo, kabajaf jaalala guddaa siif qabas.